Bara Bara

By Tadele Gemechu

Released on January 1, 2022

Thumbnail

Si yaa ifa mootii dukkanaa

Sona jireenya gammachuu

Kan kee si'achi si'ana

Yeroon ulfinakee galchuu

Si yaa ifa mootii dukkanaa

Sona jireenya gammachuu

Kan kee si'achi si'ana

Yeroon ulfinakee galchuu

Si yaa (Oromiyaa)

Si yaa (biyya tiyya)

Si yaa (Oromiyaa)

Si yaa (biyya tiyya)

Hammaattees hingarre

Arjoomakee maleessa

Iddoon irraa si dhabe

Iddoon sii hin malle eessa

Arjaa harka kaamettii

Dugda haadha ko'essaa

Dachii badhaadha quufaa

Godoo ilmaan hiyyeessaa

Bara baraaf bara baraaf bara baraaf

Bara baraaf bara baraaf bara baraaf

Kabajakeef

Ulfinakeef

Nuti ilmaankee jirra

Hin hiraartu

Hin shenooytu

Sichi ilmaan keetu jirra

Biyya Taaddee Birruu (Oromiyaa)

Biyya Abishee Garbaa (Oromiyaa)

Biyya Elemoo Qilxuu (Oromiyaa)

Biyya Alii Birraa (Oromiyaa)

Si yaa ifa mootii dukkanaa

Sona jireenya gammachuu

Kan kee si'achi si'ana

Yeroon ulfinakee galchuu

Si yaa ifa mootii dukkanaa

Sona jireenya gammachuu

Kan kee si'achi si'ana

Yeroon ulfinakee galchuu

Si yaa (Oromiyaa)

Si yaa (biyya tiyya)

Si yaa (Oromiyaa)

Si yaa (biyya tiyya)

Dirree galmee seenaa

Godambaa abaabilee

Abdii Afrikaanotaa

Wiirtuu malkaa gurraalee

Gadaankee goobanee

Samiirraa mul'ata

Urjii ardilee torbaa

Biyya hayyuu hayyootaa

Bara baraaf bara baraaf bara baraaf

Bara baraaf bara baraaf bara baraaf

Kabajakeef

Ulfinakeef

Nuti ilmaankee jirra

Hin hiraartu

Hin shenooytu

Sichi ilmaan keetu jirra

Biyya Jaallee Nadhii (Oromiyaa)

Biyya Hayilee Fidaa (Oromiyaa)

Biyya Bakar Waaree (Oromiyaa)

Jaarraa Abbaa Gadaa (Oromiyaa)

Biyya Laggee Wagii (Oromiyaa)

Biyya Jaal Jaatanii (Oromiyaa)

Biyya Baaroo Tumsaa (Oromiyaa)

Biyya Hacaaluu Hundeessaa (Oromiyaa)